ኢትዮጵያ ውስጥ “ያለው ግጭት መነሻው መቀለ ነው” (ታዬ ደንደኣ)

(አደባባይ ሚዲያ፣ ሕዳር 29/2012 ዓ.ም፤ Dec. 9/2019):- የኦሮሞ ዴሞክራቲክ ፓርቲ ከፍተኛ ባለሥልጣን አቶ ታዬ ደንደኣ ኢትዮጵያ ውስጥ “ያለው ግጭት መነሻው መቀለ ነው” ሲሉ ተናገሩ።

በኦሮምኛ ቋንቋ በጻፉትና በፌስቡክ ገጻቸው ላይ ባሰፈሩት አነጋጋሪ ጽሑፍ ችግሩ የሚመነጨው ከመቀለ መሆኑን የጠቀሱት አቶ ታዬ “ሀገራዊ ረብሻ ለማስነሳት ወያኔ 400 ሚሊዮን ብር መድባለች:: ረብሻ ከሚያስነሱ አጀንዳዎች ዋንኛው ደግሞ የአዲስ አበባ (ፊንፊኔ) ጉዳይ ነው” ብለዋል። መረጃውን እንዴት እንዳገኙትና ይህ የተባለው ገንዘብ ለምን እንዲውል የተዘጋጀ ስለመሆኑ የጠቀሱት ነገር የለም።

በብዙ የኦሮሞ ፖለቲከኞች ዘንድ “የትልቋ ከተማ ጉዳይ” (ዋኤ መጋላ ጉዶ) እየተባለ የሚጠቀሰውና “የኦሮሞ ጥያቄ” ተብሎ የሚታወቀውን የሸገር አዲስ አበባን ጉዳይም በተመለከተ “ስለ አዲስ አበባ (ፊንፊኔ) ሁሉም ስለራሱ ጥቅም እንጂ ከእርሻው ስለተፈናቀለ አርሶ አደር ተጨንቆ አይደለም። … አብዛኛው ለሪል እስቴት ቦታ ጠያቂ ነው:: ጥቃቅኑ ደግሞ ለኮንደሚኒየም (እንዲሰጠው) የሚጮኽ ነው። …. “አዲስ ማስተር ፕላን (መጣ)” በማለት ግጭት በመቀስቀስ ደም በማፋሰስ “ጎፈንድሚ” (Go fund me) ለመጫወት ነው!” ሲሉ ጉዳዩን አጣጥለውታል።

“ከዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ረብሻ እና ግድያ ጀርባ የፖለቲካ አጀንዳ ነው ያለው:: ግድያ እና መፈናቀልን ካልዘገቡ ቲቪያቸው አይታይላቸውማ” ሲሉ አብራርተዋል።

(ምስጋና:- ከኦሮምኛ ወደ አማርኛ የተረጎሙትን አርኪቴክት ዮሐንስ መኮንንን እናመሰግናለን።)
——-
የኦሮምኛው ሙሉ ቃል የሚከተለው ነው።

Waan Finfinnee Dubbadhaa
Jettaniiree?

Hayyee! Finfinneen walqabatee waa baayyeetu babbade. Sun sirratuu qaba. Sirrataas jira. Garuu ammatti ololli Finfinnee jiddu-galeeffatee jooru kijiba. Diina fi naggaadee dubbiitu dahootti waliigalee ifaan hoofa.

Amma ka’umsi Maqalee dha. Dhiyoo tana Wayyaaneen jaalala Oromootiin rakkataa jira. “Qabsaayotis” dhoksaa fi ifaan gamas marmaaru. Tumsa wayyaaneen gaafii Oromoo deebisuufi. Kora Maqalee irratti Wayyaaneen jeeqama biyya raasu kaasuuf qarshii miliyoona 400 ramade. Ajandaalee jeequmsaa keessaa ammoo angafti dubbii Finfinnee ti. Akka namuu beeku kufaatii Wayyaanee Master Pilaanii Finfinneetu dhale. Wayyaaneenis ajandaa Finfinnee afarsuun mootummaa kuffisuu feeti! Wayyaaneetu Oromoof jecha Master Plan 2ffaa mormaam…!

Dhugaa baruun rakkoo dha. Dhimma Finfinnee irratti nama danuutu na dubbise. Garuu nama faayidaa ofii gaafate malee nama qonnaan bulaa lafa irraa buqqa’e iyyaafate baayyee hin garre. Guddaan “Real Estate” gaafate. Xiqqaan ammoo Koondominiyeemiif iyyate. Kan dhimma Finfinnee afarsaa iyyee iyyisiisu warra akkasiiti. Ammoo namooti kabajamoon waan ummata miidhamee gaafatan muraasi jiru. Sunniin garuu keessaan dubbatuu malee hin iyyine!

Daangaan bulchiinsa Finfinnee sararamuun dirqama. Sun filannoo dura murtaaya. Qorannoon dhumee minjaala irra jira. Warri dubbii nagadu odeessa kana argatuu hin oolle. Dafanii dubbicha kara lamaan fayyadamuu barbaadu. Tokko maqaa “Master Plan Haaraya” jedhuun jeeqama kaasanii dhiiga jigsanii “go fund me” taphatuu dha. Lama ammoo olola FB afuufanii gaafa daangaan sararame “Qabsoo keenyaan daangaa Finfinnee sararre” jechuufi. Warra qoratee fi warra murteesse cinaatti dhiisanii galata fudhatuuf! Gaafa obbo Baqqalaa Garbaa fi waahillan isaa akka hiikaman murtaayu warri odeessa argate maqaa fudhatuuf hiriira yaame. Warri hiikamuu Baqqalaaf qabsaaye cinaatti hafee warri tapha bareeche galata fudhate.

Muuxannoo irraa yoo dubbannu diina caalaa warra maqaa qabsootiin geerarutu Oromoo jeeqa. Ajandaa siyaasaaf jecha akka ijoolleen Oromoo nagayaan hin baranne godhamaa ture. Ammas sanumatu jira. Yoo gocha san mormitu Oromummaatu sirraa mulqama. Jeeqamaa fi ajjeechaa barattoota yuunbarsiitii duuba ajandaa siyaasaatu jira. Warra jeeqama ummataa nagadu! Yoo ajjeechaa fi buqqaatii hin gabaasin TVn hin daawwatamu kaa!

Dhugaa fi ulfi bulee muldhata! Galaa fi kijibi ammoo bulee dhumata!

Gadaan nagaya!

Comments are closed.